Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti mana hidhaa keessa turan 100 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti mana hidhaa keessa turan 100 gara biyyaa deebi’uu ibsameera.
 
Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaa qaxxaamuruun Afrikaa Kibbaatti ce’uuf turan hedduun mootummaa biyyattiin to’atamuun hidhaaf kan saaxilaman ta’uu ibsameera.
 
Kanneen keessaa Lammiileen 100 baasii guutuu tola oolaa Ityoophiyaa obbo Alamaayyoo Katamaa fi kan Taanzaaniyaa Injiinar Jabbiir jedhamaniin gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Lammiileen Ityoophiyaa hedduun faddaaltootan gowwomsamuun karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf wayita jedhan rakkoolee hedduuf saaxilamaa jiraachuu ragaan Taanzaaniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.