Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 21 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 21 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee gara biyyatti deebisuu marsaa sadiin har’a gaggeeffameen lammiilee kuma 1 fi 21 gara biyyaatti deebi’an keessaa lammiilee kumni 1 fi 10 dhiira yoo ta’an, lammiilee umrii isaanii waggaa 14 gadii ta’an 9 fi 2 dubartoota guddattoota ta’uun ibsameera.

Lammiilee kanneeniif kunuunsi barbaachisaan taasifamuufiin bakka qophaa’eef qubsiifamuun ibsameera.

Guyyoota lamaan darbaan lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojiilee hojjetamaniin lammiileen kumni 2 fi 193 gara biyyaatti deebifamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.