Fana: At a Speed of Life!

Liiverpuul Mooysas Kayiseedoo maallaqa olaanaan mallatteessisuufi

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Liiverpool lammii Ikkuwaadoor taphata sarara gidduu, Mooyisas Kaayseedooniin Biraayitaan irraa seenaa jijjiirraa taphattootta Ingiliz keessatti gatii olaanaadha jedhameen mallatteessisuuf waliigalteerraa ga’uun gabaafame.

Bu’uura waliigaltichaan Liiverpuul jijjiirraa Kaayseedoof Biraayitaniif Paawundii miiliyoona 110 kan kaffalu yoo ta’u, taphatichi har’a Liiverpuulitti qorannoo fayyaa akka taasisu eegama.

Liiverpuul duraan lammii Arjantiinaa Aleeksi Maakaalistarniin Biraayitan irraa mallatteessisuun ni yaadatama.

Cheelsiin jijjiirraa Kaayseedoof Paawundii miiliyoona 100 akkasumas Baayermuunik Paawundii miiliyoona 90 kaffaluuf qopha’anii turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.