Fana: At a Speed of Life!

Maddi Anniisaa Qilleensaa Ayishaa 2ffaan Kuusaa Humna Elektirikaa biyyaalessaa waliin walquunname

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) –Hojiin Piroojektii madda Anniisaa Qilleensaa Ayishaa 2ffaan Giriidii Humna Elektirikaa biyyaalessaa waliin walquunnamsiisuu milkiin xumurame.

Yaaliin madda Anniisaa qilleensaa Ayishaa 2ffaa giddu gala to’annoo Humnaa Biyyaalessaa waliin walquunnamsiisuu milkiin xumuramuu Hojii Gaggeessaan Piroojektichaa Muluqan Tasammaan ibsaniiru.

Pirioojektiin Humna Elektirikaa Ayishaa 2ffaan humna meegaa 40 fi tarbaayinoota qilleensaa 16 qaba.

Yeroo itti aanu Piroojektichi anniisaa Meegaa 40 dabalataa akka maddisiisuuf hojiin yaalii xumuramuu fi buufatichi Humna Meegaa 80 akka maddisiiu tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Raawwiin waliigalaa Piroojektichaa 80 irra ga’uu kaasaniiru.

Tarbaayinoota qilleensaa dhaabamuuf yaadame 48 keessaa 32 dhaabbachuu isaanii himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.