Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asallaatti Manni Barumsaa Ifaa Boruu sadarkaa 2ffaa Haacaaluu eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Jilli itti gaafatamaan Waajjirra Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu magaalaa Asallatti Mana Barumsa Ifa boruu sadarkaa 2ffaa Haacaaluu eebbisiiseera.
Godina Arsii Bulchinsa magaalaa Asallaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa Haacaaluu Birrii miiliyoonaa 36 oliin ijaarrame eebbiffameera.
Manni barumsichaa marsaa jalqabattin hanga baratoota 600 kan keessummeessu yoo ta’uu, babal’inni yoo taasiifameef barattoota kuma 2 fi 600 ol simachuu danda’a jedhame.
Kaantibaan magaalaa Asallaa obbo Gabree Urgeessoon bulchinsa magaalaa Asallaa keessatti proojektoota 59 hojjetamaa jiran keessaa 54 xummuramuu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaas barnoonni furtuu waan hundaa ta’uu isaan mootummaa naannoo Oromiyaa bara kana daree dabalataa kuma 34 ijaarsisuu ibsaniiru.
Dhalooat baratee sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e horachuuf barnootarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Barattoonnis dorgommaa ta’uuf barnoota isaaniitti cimuu akka qaban dhaamaniiru.
Hawaasni Mana Barumsa seenaa qabeessa kana kunuunsuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Miidhaksaa Qachaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.