Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Baahirdaaritti shakkamtoonni haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf turan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Magaalaa Baahirdaaritti shakkamtoonni haleellaa shororkeesummaa raawwachuuf socho’aa turan to’atamuu Koomishiniin Poolisii Naannoo Amaaraa beeksise.

Ittigaafatamtuun Qajeelcha Kominikeeshinii fi Miidiyaa Komishinichaa Komaandar Masarat Dabaalqee ibsa kennaniin, waxabajjii 20, 2014 galgala humnoonni hafteen yakka hawaasa shororkeessuu kaayyeffate raawwachuuf Magaalaa Baahirdaar bakkeewwan afuritti boombii dhoosuu ibsaniiru.

Poolisiin, hawaasa waliin ta’uun hordoffii taasiseen shakkamtoonni ja’a to’atamuu himaniiru.

Manneen shakkamtootaa wayita sakatta’amutti, boombii 2, bireenii 3 fi rasaasa kuma 3 fi 700, sinaayiperii tokkoo rasaasa 500 waliin akkasumas, karoorri shororkeessummaa raawwachuuf yaadame to’atamuu Komaandar Masarat himaniiru.

Dabalataan, gochaa shororkeessummaa kana waliin hidhata kan qaban shakkamtoonni 14 to’atamuun, qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannootiin qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachuu AMC gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.