Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Beddelleetti Bunni Kuntaalli 932 Seeraan Alaa Mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee ture to’atame

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Beddelleetti Bunni Kuntaalli 932 Seeraan Alaa Mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti kuufamee ture to’atamuu Waajjirri Poolisii Bulchiinsa Magaalichaa Beeksise.
Eeruu hawaasaatiin bunni kuntaalli 932 mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti seeraan alaat kuufamee ture to’atamuu Itti aanaan Daayreektera Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Beddellee Saajiin Olaanaa Qaasimaa Koorsaa himani jiru.
Bunni to’atame kunis seeraan alaat kufamuu isaa erga mirkanaa’ee to’annaa seeraa jala oolfamuu ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti Bunni to’atame kunis janfalli kuntaala 873, qishirri kuntaala 46 akkasumas bunni caccabaan kuntaala 13 ta’uu fi waliigala Birrii miiliyoona 3tti kan tilmaamamu ta’uu himaneera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.