Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dambii Doollootti filannoo marsaa 6ffaa nagaan xumuramu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC)-Godina Qellem Magaalaa Dambii Doollootti filannoo marsaa 6ffaa nagaan xumuraamu Qajeelchi Poolisii Godinicha beeksise.

Barii sa’a 12 irraa eegaluun Godinichatti adeemsi sagalee laachuu gaggeeffamaa ooleera.

Filannichis karaa nagaan eegalame karaa nagaan xumuramuu itti gaafatamaan qajeelchaa Poolisii Godina Qellem Wallaggaa Inispeektar Zalaalem Namoomsaa beeksisan.

Godinichatti  sagantaa ashaaraa magaariisaa mata duree ‘nan filadhaa ashaaraa magaariisaa kiyyaas nan kaa’aa’ jedhuun biqiltuun miliyoonni 1 dhaabbachuu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Boordii filannoo Damee Godina Qellem Wallaggaa Obbo Ta’eeraa Mitikkuu hawaasa godinichaa filannoof galmaa’an keessaa % 93 ol bahuun sagalee laachuu himaniiru.

Magaalichaatti yeroo kanattis filannochi xumuramuu buufataleen filannoo cufamuu ragaan kominikeeshinii godina Qellem Wallaggarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.