Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dasseetti balaa ibiddaa mudateen miidhaan nama fi qabeenyaarra dhaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Magaalaa Dassee Kutaa Magaalaa Araadaa naannawaa Mugaad jedhamee beekamutti balaa ibiddaa mudateen qabeenyi hedduun manca’uu poolisiin beeksise.
Itti gaafatamaan Buufata Poolisii 1ffaa bulchiinsa magaalichaa Itti aanaa Inispeektaraa Xilaahuun Faantaa akka eeranitti, halkan keessa tilmaamaan naannoo sa’aatii 5:30tti balaan ibiddaa sababni isaa hinbeekamne mudateera.
Manneen jireenyaa, manneen daldalaa, mankuusaawwan irraa mancaatiin dhaqqabuus himaniiru.
Wayitaa balichi mudatetti dhohiinsi waan tureef namootaa fi giddugaloota daldalaa naannawichaa turanirra miidhaan dhaqqabuu himaniiru.
Ittisa Balaa Magaalaa Kombolchaa fi hirmaannaa hawaasaa Magaalaa Dasseetiin naannoo sa’aatii 10:00tti balicha to’achuun akka danda’ame ibsaniiru.
Namoonni miidhaan balichaan irraa ga’es gargaarsa wal’aansaa akka argatan taasifamaa jiraachuun eerameera.
Miidhaa qabeenyaa fi namarraa dhaqqabe adda baasuudhaaf gareen dhimmichaa adda baasu hundaa’ee hojiittii seenuu kaasaniiru.
Miidhaa dhaqqabees fuulduratti kan ibsamuu ta’a jedhameera.
Sablee Akiliiluutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.