Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Gamoon jijjiguun lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoos iddoo Kaasaanchis jedhamutti Gamoon ijaarramaa ture jijjiguun lubbuun namoota 3 darbuu ibsame.
Kutaa magaalichaa aanaa 8 Hooteela Kaasaanchis Juuppitar fulduratti Gamoon ijaarramaa ture jijjiguun lubbuun namoota 3 battalumatti yoo darbun, nama tokkorraa miidhaa cimaan, namoota 3 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu ibsameera.
Balichi ganama har’aa naannoo sa’aatii 5:00 kan qaqqabe yoo ta’uu, lubbuu namoota hojiirra turanii 109 baraaruun danda’amuu Komishiniin Hoggansa Sodaa balaa fi Ibiddaa beeksiiseera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.