Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti gamoowwan Qajeelcha Poolisii ammayyaa ijaarsi isaanii xumurame eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Kutaalee Magaalaa Finfinnee garaagaraatti Piroojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 31 oliin ijaarraman guyyaa har’aa eebbifamaniiru.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen gamoowwan ammaayyaa qajeelcha Pooliisii Kutaa magaalaa Liddataa, Araadaa fi Kolfee Qaraaniyoo sadi dabalatee Piroojektoota misoomaa Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 20 oliin ijaarraman eebbisiisaniiru.
Akkasumas kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti Piroojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 11 oliin ijaarraman 100 bakka Aadde Adaanach argamanitti har’a eebbifamuu ragaan waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.