Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa harka qaleeyyii haaromsame dabarfame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti manneen jireenyaa harka qaleeyyii haaromsame 69 dabarfameera.

Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee manneen kanneen harka qalleeyyiif dabarsanii laataniiru.

Jiraattoonni kunneen kana dura waggoottaan 42f rakkoo keessa kan turan ta’uu ibsameera.

Manneen jireenyaa kanneen abbootii qabeenyaa fi Komishiniin Gumurukaatu waloon haaromse jedhame.

Deeggarsi kun haala kanaan itti fufuun gandoota Finfinnee hunda miidhagsuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Adaanachi dubbachuu EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna. Q

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.