Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti qisaasa’ana qabeenyaa ture qorachuun galii taasiisuun itti fufeera –Aadde Adaanach

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qisaasa’ana qabeenyaa ture qorachuun galii taasiisuun itti fufuu itti aantuun Kaantibaa Magaalichaa Aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Gatiin Liizii lafaa yeroo dheeraaf osoo hin kaffalamin turee fi ijaarsawwan sadarkaa hin guunne akkaatee seeraan gurguramuun bulchiinsa magaalichaaf galii ta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Abbaan Alangaa magaalichaa himata banuun dhimmoota kanneenirraa galii Birrii miiliyoona 72 argachuuf haaluma karoorfameen hanga ammaatti Birrii miiliyoonni 52 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 47 ol galii ta’uu aadde Adaanachi himaniiru.
Kan hafa haaluma murtoo kaa’ameen kan raawwatamu ta’uu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.