Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti qorichoonni seeraan ala kuufaman to’annoo jala oolan

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa lama keessatti qorichoonni seeraan ala kuufamanii turan to’annoo jala ooluu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Baatii tokkoof Poolisii Federaalaa fi Komishinii Gumurukaa waliin ta’uu hordoffii taasiifamaa tureen magaalichatti qorichoonni seeraan ala kuufamanii turan to’annoo jala ooluu Daayreektarri Abbaa Taayitichaa aadde Heeran Garbaa ibsaniiru.
Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 6 iddoo addabaabayii ‘Paasteer’ jedhamutti akkasumas kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 3 iddoo addaa ‘Araat Mantaa’ jedhamutti qorichoonni seeraan ala hedduminaan kuufaman to’atamuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.