Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan ifatti eegale

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan mata duree ‘Ityoophiyaa yaa uwwifnu’ jedhuun ifatti eefaleera.
Sagantichi bakka Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee, Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon federaalaa fi bulchiinsa magaalichaa akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti eegaleera.
Guyyaa har’aa Biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa kumni 30 ol ni dhaabbatuun kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Jiraattoonni magaalichaa waggoottan sadan darban biqiltuuwwan miiliyoona 26 ol dhaabuun sosochii Ashaaraa magariisaa eegalame milkeessuu keessatti shoora olaanaa ba’uu isaanii ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.