Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Goondaritti Shugguxiiwwan seeraa alaa 168 to’atame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Magaalaa Goondaritti Shugguxiiwwan seeraa alaa 168 to’atamuu Qajeelchi Poolisii Magaalichaa beeksiise.
Meeshaaleen seeraan alaa kunneen iddoo addaa Hiddaasee jedhamuun beekkamutti sakattoo tasa gaggeeffameen mana nama dhuunfatii qabamuu itti gaafatamaan Miidiyaa fi Kominiikeeshinii qajeelchichaa Inispeektarri olaanaan Iyyaruus Asmaare Faanaa Broodkaasting Korporeeshiniif himaniiru.
Abbaan manichaa yeroof kan miliqe ta’us to’annoo jala oolchuu fi madda meeshaalee kanneenii beekuuf poolisiin qorannoo taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Shumat Alamaayyootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.