Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Maqaleetti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Magaalaa Maqaleetti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi taasiifamaa jiraachuu Kaantibaan magaalichaa obbo Ataakiltii Hayilasillaaseen ibsan.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannichatti gaggeeffame hordofee lammiilee miidhamaniif deeggarsi yeroo hatattamaa midhaan nyaataa taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Iddoolee garaagaraa buqqa’uun jiraattoota kuma dhibba 3 fi kuma 79 magaalicha keessa qubatanii jiraniif deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophiin xumuramee gara hojiitti galamuu kaantibichi dubbataniiru.
Hanga ammaattis lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 80 oliif Qamadii fi Daakuun, akkasumas daa’immaniif midhaan ijaarsaa laatamuu ibsaniiru.
Lammiilee deeggarsa barbaadan biroof guyyoota itti aanu qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Ataakiltiin ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.