Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti Qonnaan bulaa fi ijoollee Qonnaan bulaaf lafti bakka bu’iinsa kenname

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Magaalaa Sabbataatti Qonnaan bulaa fi ijoollee Qonnaan bulaa sababa misoomaaf kaafamaniif lafti bakka bu’iinsa kennameera.
Bulchiinsi magaalaa Sabbataa komii bara dheeraa kan ture qonnaan bultoota sababa misoomaan kaafamaniif har’a lafa bakka bu’iinsa qonnaan bulaa fi ijoollee qonnaaf kenneera.
Bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoota ganda 01, 08, 09 fi 06 waliigala qonnaan bultoota 571f lafa hektaara 22.5 bakka bu’iinsaan kennuu ibsameera.
Sirna dabarsa lafaa kanarratti hoggantoonni mootummaa sadarkaa naannoo, Kaantibaan magaalaa Sabbataa fi kutaaleen hawaasaa garaa garaa argamuu ibsameera.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.