Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti bara 2014tti piroojektoota Birrii miiliyoona 300 oliin ijaaraman 72 keessaa 63 xumuramuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Magaalaa Shaashamanneetti bara 2014tti piroojektoota Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 22 ijaaraman 72 keessaa 63 xumuramuun hojiif banaa ta’aa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

Sadarkaa ittaanaaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti hogganaan Misooma Baadiyyaa obbo Abdurahamaan Abdallaa Bulchiinsaa Magaalaa Shaashamanneetti piroojektiwwaan misooma garaagaraa ebisiisuun hojii egalchisaniru.

Manni baruumsaa Ifa Boruu Birrii miiliyoonaa 36’n ijaarame eebbifameera.

Manni barumsichaa daree barnootaa 18, mana kitaabaa, kutaa yaalii fi gamoo bulchiinsaa kan qabu yoo ta’u, barattoota ga’umsa ol’aanaa qaban 288 simaatee kan barsiisuu ta’uu ibsameera.

Jijjiiraman duraa piroojektiwwan ijaaruuf dhagaa bu’uuraa ka’uu qofa kan ture amma jalqabuu caalaa xumuruunis akkaan mul’ataa jira jedhaniiru.

Magaalichatti piroojektoota daandii keessa keessaa, dabalatee kanneen biroon kan eebbifaman ta’a.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.