Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Guyyaan Dubartootaa kabajame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Guyyaan Dubartootaa mata duree “Dubartoota irratti Hojjechuun Guddina Saffisiisa” jedhuun kabajame.

Saganticharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dabalatee Qondaaltonni olaanoo magaalichaa fi naannoo biroon argamaniiru.

Waltajjicharratti Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan guyyaa dubartootaa kabajuun kabajuunis miidhaa darbe yaadachuuf osoo hintaane hojii caaluuf dadammaqsuuf ta’uu kaasan.

Badhaadhina biyyaa fi maatii dhugoomsuuf ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu ibsuun mootummaanis hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan milkeessuuf hojjechaa jira jedhan.

Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluu gama isaaniin diinagdee dubartootaa cimsuun jiruu fi jireenya isaanii jijjiiruuf aadaa hojii fooyyeessuu fi qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraatee Baacaa dubartoota ga’oomsuun nageenyaa fi misooma tumsuu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, qabsoo jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa akkasumas nageenya fiduuf taasifamu keessatti gumaacha olaanaa qabu jedhan.

Guyyicha sababeeffachuun sosochiin qusannaa dubartootaa gaggeeffamuu ragaan kominikeshinii oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.