Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti uffannaa aadaatiin tajaajilli akka kennamu labsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Hojjettoonni Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundi torbanitti guyyaa tokko, gaafa Wiixataa uffannaa aadaatiin akka tajaajilan labsameera.

Sagantaan labsichaa mataduree, “Uffannaan aadaa keenyaa ibsituu eenyummaa keenyaati” jedhuun bakka hoggantoonniifi hojjettoonni magaalichaa argamanitti gaggeffameera.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii Magaalaa Shaggar Aadde Rayimaa Jawaar akka jedhanitti, magaalaan Shaggar xiiqiidhaan eenyummaa fi seenaa Oromoo cabee akka deebi’uuf kan hundeeffame ta’uu fi ibsama aadaa kan ta’e uffannaa aadaatiin ummata tajaajilaa, aadaa beeksisuu barbaachisadha.

Sirna Gadaa keessatti namni uffannaa aadaa uffatee bakka murtee taa’e hinsobu, hinhatu hinloogu, haqa hinjallisu waan ta’eef hojjettoonni duudhaa kana akka gonfataniif kan labsame ta’uu ibsuu Gaazexaan Bariisaa gabaaseera.

Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo gamasaaniin, haala kamiinuu wantoota Oromummaa ibsanirratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.

Hojjettoonni magaalichaas ergama dachaa waan qabaniif faaya ofii jabeeffachuu fi kunuunsuun, duudhaa Sirna Gadaa jabeessuuf hunduu gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.