Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shanootti lafti kaaree meetirri 60,656 seeraan ala maqaa invastimantiitin qabame baankii lafaatti deebi’e

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Magaalaa Shanootti lafti kaaree meetirri 60,656 seeraan ala maqaa invastimantiitin qabamee ture baankii lafaatti deebi’e.

Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Qimbibiit akka beeksisetti lafichi bara 2007 ture maqaa invastimantiitin kan qabame.

Lafichi kan fudhatame maqaa hoteela abbaa uurjii 3 fi 4 ijaarra jedhuuni.

Sanaan boodas bu’uurri ijaarsa gamoo 44 eegalameet ture.

Yaata’uutii lafichi karaa seeran alaatin kan qabame waan ta’eef, waraqaan abbaa qabiyyee isaanii haqamuudhan lafti gara baankii lafaatti deebi’eera

Akka odeeffannoo waajjirichaatti laficha kan qabate namoota naannoo tokko qofaati.

Maqaa lafichaatinis meeshaa ijaarsaa qaraxa malee galchuudhan mootummaan Birrii miliyoona 60 ol akka dhabu taasifameera jedheera waajjirichi.

Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatis dhimmicharratti himannaa banee murtee irratti argateera.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaatis lafichi baankii lafaatti akka deebi’u murteessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.