Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shashamanneetti manneen jireenyaa harka qalleeyyiif tola ooltummaan ijaarraman dabarfaman

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannetti tajaajila hojii lammummaa ji’oota darban manneen jireenyaa 18 xumuramuun harka qalleeyyiif dabarfamuu Bulchiinsi Magaalichaa ibse.
Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee obbo Ibraahim Kadiir, namoota kanniiniif furtuu dabrsanii kennaniiru.
Ganna dabre kenna hojii Tajaajila lammummaatiin bulchiinsa magaalichattiin Manneen jireenyaa 18 namoota rakkataa fi manguddootaaf yoo ijaaraman, manneen 40 ammoo suphamaniiru jedhan.
Barattoota maatii harka qalleeyyiitiifis meeshaan barnoota birrii miliyoona 5 ol ta’u kennamuu OBN gabaaseera.
Hojii tola ooltummaa kana keessatti dhaabbileen dhuunfaa fi hawaasaa hirmaachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.