Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Tooltaatti balaa Ibiddaa muudateen lubbuu nama tokkoo yoo darbu, manneen jireenyaa 12 irra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Godina Oomoo Kibbaa Magaalaa Tooltaatti balaa Ibiddaa muudateen lubbuu nama tokkoo yoo darbu, manneen jireenyaa 12 irra miidhaan qaqqabuu Poolisiin godinichaa beeksiise.

Balaa Ibiddaa magaalichaatti muudateen lubbuun daa’ima umrii waggaa jahaa darbuu Ajejaa olaanaan Poolisii godinichaa Inispeektar olaanaan Yohaannis Makonniin ibsaniiru.

Manneen jireenyaa 9 guutumaa guutuutti barbadaa’uu fi sadi irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu eeraniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu Inispeektar Yohaannis ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.