Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Waraabeetti balaa tiraafiikaa qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Godina Silxee Magaalaa Waraabeetti balaa tiraafiikaa qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe.

Balichi magaalaa Waraabee ganda 01 bakka Maniitaa jedhamutti guyyaa keessaa naannoo Alkasoo sa’aatii 6:30 kan qaqqabe yoo ta’u, balichaan lubbuun namoota 4 darbuufi namoota 3 irra miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu poolisiin ibseera.

Balichi kan qaqqabe konkolaataan haayiluuks jedhamu konkolaataa abbaa goommaa sadii/ baajaajiin walitti bu’uun ta’uu, ittaanaan qindeessaa tiraafikaa magaalichaa Saajiin Bilaal Awwal eeraniiru.

Namoota miidhaan qaamaa irra gahe keessaa tokko daa’ima yoo ta’u, miidhamtoota kanneeniif hospitaala Waraabeetti wal’aansi yaala fayyaa taasifamaafii jira jedhameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu Saajiin Bilaal dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.