Fana: At a Speed of Life!

Magaalaaa Finfinneetti fayyadamtoonni seeftineetii kumni 29 ol eebbifaman

Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Ejansiin Wabii Nyaataa fi Misooma seeftineetii magaalaa Finfinnee fayyadamtoota misooma Seeftineetii kuma 29 fi 400 eebbisiiseera.

Ejansichi bakka hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamanitti fayyadamtoota seeftineetii gara damee hojii fooyya’aatti ce’uu isaanii beeksiiseera.

Lammiilee sadarkaa jireenya gadi aanaa keessa jiraatan kuma 29 fi 410 hojiilee tajaajila eeggumsaa, qonna magaalaa fi qulqullinarraati bobbaasuun fayyadamoo taasiisuu himeera.

Ejansichi Caamsaa, 2009 eegalee hanga ammaatti Lammiilee sadarkaa jireenya gadi aanaa keessa jiraatan kuma dhibba 4 ol marsaa sadiin fayyadamoo taasiisuu ibseera.

Kutaalee hawaasaa marsaa duraan fayyadamoo ta’an kuma dhibba 1 fi kuma 23 keessaa bakka buutoota maatii kuma 29 filachuun karoora hojii daldalaa qopheessuun Koolleejjii Ogummaa fi Teeknikaa keessatti dameewwan adda addaan leenjii akka fudhatan taasiifamuu daayreektarri olaanaan Ejansichaa obbo Asaaminaw Geeraawarq ibsaniiru.

Waggoota sadi keessatti lammiilee kuma dhibba 4 fayyadamoo ta’an keessaa % 16 deeggarsa kallaattiirraa kanneen fayyadamoo ta’an ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.