Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Adaamaa Shaampiyoonaa Kilabootaa Atileetiksii Oromiyaa ta’e

Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa koorniyaa lamaaniin Shaampiyoonaa 14ffaa kilabootaa Atileetiksii Oromiyaa olaantummaan xumure.

Waldorgommiin Shaampiyoonichaa Eebla 15-20, 2015 Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.

Haaluma kanaan kilabni bulchiinsa Magaalaa Adaamaa dubaran qabxii 215 fi dhiiraan qabxii 217’n badhaafamaa waancaa ta’uun olaantummaa isaa mirkaneessuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Federeeshiniin Atileetiksii Oromiyaa qaamolee milkaa’ina Shaampiyoonichaaf qooda isaanii bahatan hundaa galateeffateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.