Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Finfinnee Paampiwwan Bishaanii 110 naannoo Somaaleef gumaache

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti waltajjiin Maaddii Madaallawwaa beeksisuu gaggeeffame.

Waltajjii kanarratti Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahammad, Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad argamaniiru.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen, hongee muudate dandamachuun sagantaa maaddii madaallawaaaf ga’uu keessaniif baga gammaddan jechuun Paampiwwan Bishaanii 110 gumaachaniiru.

Bulchiinsi magaalaaFinfinnee sagantaan maaddii madaallawaa akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan waajjira kantibaan magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.