Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Chaappaawanii fi Koompiyuutaroonni sanada sobaa qopheessuuf oolaa turan shakkamtoota 5 waliin to’ataman

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneett Chaappaawanii fi Koompiyuutaroonni sanada sobaa qopheessuuf oolaa turan shakkamtoota 5 waliin to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiseera.
Kutaa magaalaa Liddataatti konkolaachisaa eeyyama sobaan konkolaachisaa ture irraa ka’uun duula sakattoo gaggeeffameen Chaappaawanii fi Koompiyuutaroonni sanada sobaa qopheessuuf oolaa turan shakkamtoota 5 waliin to’atamuu ibsameera.
Kutaa magaalichaa aanaa 10 naannoo Tagibaaraayid jedhamuun beekkamutti shakkamaan eeyyama konkolaachisuummaa sobaan konkolaataa oofaa ture miseensota Poolisii Tiraafikaan to’annoo jala ooleera.
Shakkamaa kana ka’umsa godhachuun sakattoo kutaa magaalaa Boolee aanaa 10 naannoo gamoo Golaaguulitti mana daldalaa tokko keessatti sanadoota sobaa qopheessuuf tajajilaa kan turan Koompiyuutaroonni, Iskaanaroonnii fi priintaroonni argamuu ibsameera.
Chaappawwan dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa fakkeessuun tajaajilaa turan hedduun shakkamtoota 5 waliin to’atamuun qoratamaa jiraachuu itti gaafatamaan garee qorannoo yakkaa Qajeelcha Poolisii Kutaa magaalaa Liddataa Inispeektar Taammiraat Chaalew dubbachuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni muu’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.