Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dhaabbileen 22 ol naga’eedhan ala gurgurtaa raawwata turan to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen 22 ol naga’eedhan ala gurgurtaa raawwata turan to’atamu Biiroon Galiiwwaan magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi hordoffii tasaa taasiseen dhaabbilee kanneen to’anna jalaa olchu beeksiseera.

Itti gaafatamaan biiricha obbo Mulugeeta Tafarraa akka ibsanitti, magaalichatti hordoffii dhaabbilee garaagaraa irratti taasifameen dhaabbileen kunneen to’atamaniiru jedhan.

Dabalataniis kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 6 bakka Qeeraa jedhamutti namoonni dhuunfa 2 uffata poolisii uffachuun waraaqa eenyummaa sobaa biiroo galiiwwanii hojjesisuun gibira kaffalaa jechuun hawaasa burjajjeessaa turan to’annaa jala olaaniru jedhan.

Namoota to’anna jala olaan irrattis poolisiin qoranna gaggeessaa jiraachuus ibsaniiru.

Hawaasnis gochaa akka kana wayita argutti sarara bilbilaa 7075 bilisaan bilbiluun eeruu akka laatu obbo Mulugeetaan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.