Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Feestivaalli aadaa guyyoota sadiif turu gaggeeffamuufi

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dilbataa dhufurraa eegalee Feestivaalli aadaa guyyoota sadiif turuu namoota kuma dhibba 3 ol hirmaachisu gaggeemuufi jedhame.
Hoggantuun Biiroo Aadaa, Ogummaa fi Turiizimii magaalaa Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasahuun, Feestivaalaa aadaa sadarkaa magaalaa 13ffaa sababeeffachun ibsa laataniiru.
Kaayyoon Feestivaalichaa olaanaan aadaa hawaasaa fi duudhalee hawaasichaa beeksiisuufi jedhaniiru.
Duudhaleen aadaa naannolee hunda keessaatti raawwatamaan kutaalee magaalichaa 11 keessatti agarsiisaaf kan dhiyaataan ta’uu Dooktar Hiruut himaniiru.
Dabalataan nyaataaleen aadaa, dhugaatiin, dorgommiin uffaataalee fi kanneen biroo feestivaala kanarratti kan dhiyaatan ta’uu himaniiru.
Feestivaalichi Amajjii 15-17, 2014 Hoteela Giyoonitti kan gaggeeffamu ta’uu himameera.
Baazaarii fi Feestilaanoota kunneen Diyaaspoorawwan waamicha biyyaa fudhachuun gara biyyaa galaniif sagantaa gaggeessa xumuraa taasiisuuf qophii ga’aan godhamaa jiraachuu Dooktar Hiruut eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.