Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hawaasni barnootaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 51 taasisan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfineetti kutaaleen hawaasa barnootaa garaagaraa lammiilee naannoo Affaar qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 51ol taasisaniiru.

Deeggarsicha hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee obbo Zalaalam Mulaatuu magaalaa Samaraatti argamuun Preezdaantii naannoo Affaar obbo Awwal Arbaaf laataniiru.

Preezdaant Awwal deeggarsa taasifameef galateeffachuun hirmaannaan uummanni Ityoophiyaa  duula birmadummaarratti taasisu cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

obbo Zalaalam gamasaaniin qabsoo uummanni Affaar garee shororkeessaa ABUT irratti gaggeessaa jiru dhaloonni kan hin irraanfanne ta’uu kaasuun deeggarsi taasifamu gara fuulduraattis kan itti fufu ta’u ibsaniiru.

Maddi :- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.