Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hawaasni vaayraasii koroonaarraa dursee of eegannoo akka taasisuuf karoorri qopha’aa jira

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hawaasni vaayraasii koroonaarraa dursee of eegannoo akka taasisuuf, walitti fufinsan odeeffannoo waliin ga’uuf karoorri qopha’aa jiraachuu beeksiseera.

Vaayrasii koroonaa tibba kana muul’ate ittisuu fi hawaasni dhimma vaayrasichaaf of eeggannoo barbaachisaa duursee akka taasisuuf bulchiinsichi tattaaffii oolaanaa taasisaa jira.

Kanaafis vaayrasicha dursaan ittisuu fi of eggannoo ga’aa taasisuuf odeeffaannoo hawaasan ga’uu haala dandeessisu irratti Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee karoora koominikeeshinii qopheessuun hojiitti galeera.

Waajjirichatti daayreektarri koominikeeshinii obbo Nasraddiin Mahaammuud, hawaasni waa’ee vaayrasichaa hubannoo ga’aa akka qabaatu taasisuu fi odeeffannoo dhimma vaayrasichaan walqabatan waliin ga’uuf hanga aanaatti koominikeeshinii ijaaruu fi qaamolee biroo hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan geejjibaa fi namoonni itti bayyatanitti odeeffannoo hawaasaf ga’uun dabalatee qulqullina eeggachuu fi daldaltoota daballii gatii hin barbaachifne taasisan irratti tarkaanfii fudhachuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetamuus obbo Nasraddiin himaniiru.

Jiraattonni magaalichaas qaamolee vaayrasicha waliin wal qabsiisuun daballii gatii hin barbaachisnee fi odeeffannoo dogoggoraa dabarsan saaxiluuf hirmaannaan taasifamaa jiru cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.