Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Piroojektoonni Birrii miiliyoona 200 oliin ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Ekkaatti Piroojektoonni Birrii miiliyoona 200 oliin ijaaraman eebbifaman.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen eebba piroojektiiwwan kanneeniirratti haasawaaa taasisaniin, hojiilee namarratti xiyyeeffatan lammiilee biraan gahuufi Finfinnee magaalaa dureessiifi harka qalleessi haala madaalawaa ta’een keessa jiraatuu akkasumas magaalaa mijooftuu taasisuu itti fufneerra jedhan.

Hojiileen namarratti xiyyeeffatan rakkoo yeroo lammiilee furuurra darbee Ityoophiyaafi dhaloota dhufu bu’uura cimaa duudhaalee waliif yaaduufi waliin jireenyaa uummata har’aan ijaaruuf gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Piroojektoonni guyyaa har’aa eebbifamanis giddugala nyaataa 14ffaa guyyaatti hanga namoota kuma 1fi 200 sooruu danda’u, warshaa daabboo Saariid guyyaatti daabboo kuma dhibba 6 tolchuu kan danda’u, mana barumsaa sadarkaa 2ffaafi idileen duraa, kutaalee barnootaa 60 akkasumas suuqiiwwan 120 ta’uu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.