Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti torbee tokko keessatti namoonni yakka garaagaraan shakkaman 359 to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti torbee tokko keessatti namoonni yakka garaagaraan shakkaman 359 to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Magaalicha sodaa nageenyaa kamiiyyurraa bilisa taasiisuuf opreeshiinii qindaa’aa torbee tokkoof gaggeeffameen bu’aa gaariin galmaa’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa har’a laateen ifoomseera.

Haalamu kanaan namoonni yakka saamichaa, ajjeechaa, ugguruu, Hannaa fi daddabarsa meeshaalee seeraan alaan shakkaman 359 to’annoo seeraa jala ooluu ibsameera.

Meeshaaleen waraanaa seeraan Alaa hedduunis to’annoo jala oolaniiru.

Dhimmi shakkamtoota to’annoo seeraa jala oolanii qoratamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.