Fana: At a Speed of Life!

Magaaloota naannoleetti maallaqni dhimmoota adda addaaf nagahee malee walitti qabamu hawaasa komachiise

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Magaaloota naannoleetti maallaqni dhimmoota adda addaaf nagahee malee walitti qabamu hawaasa daraan komachiisaa jiraachuu ibsameera.
Jiraattoonni magaaloota Shaashamannee, Jimmaa fi naannolee biroo maallaqni maqaa garee misoomaa, Raayyaa Ittisaa fi deeggarsa maanguddootaaf nagahee malee walitti qabamaa jiru to’achuuf haala mijataa waan hin qabneef namoonni dhuunfaan ittiin badhaadhaa jiraachuu komii isaanii Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Hojjettoonnii fi hoggantoonni Caasaalee mootummaan Gandaa hanga Godinaatti jiran yeroo yeroon maqaa adda addaa moggaasuun maallaqa nagahee malee hawaasaarraa walitti qabuun haalaan babal’achaa dhufuu jiraattoonni kunneen eeraniiru.
Dhimmoonni akka kanaa daraan babal’achaa dhufuun hawaasa biratti rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiraachuu Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti Barsiisaan Hariiroo idil addunyaa fi Saayinsii Siyaasaa obbo Suraafeel Geetahuun ibsaniiru.
Adeemsi kun iftoominnii fi itti gaafatamummaan gaaffii keessa akka galu taasiisuun hirmaannaa ummanni mootummaa waliin hojiilee misoomaarratti qaban xiqqeessa jedhan.
Kaffaltiiwwan tajaajilaa seeraan dirqamni kaa’ame, taaksii fi gibira dabalatee maallaqni gara Kaaznaa mootummaa galu kamiiyyuu nagaheen akka walitti qabamu seerri kan dirqisiisu ta’uu Ministeera Galiiwwaniitti Daayrektarri Tajaajila Seeraa obbo Abbaree Asfaaw ibsaniiru.
Yaa ta’uutii maallaqni sadarkaa biyyaalessaattis ta’ee gandaatti tajaajila tola ooltummaaf walitti qabamu hojmaata fi seera hin qabu jedhan.
Mootummaan Federaalaa wayita deeggarsa ummataa barbaade, akkamitti akka raawwatamu, eenyuun maallaqni akka walitti qabamu, eenyuun akka to’atamuu fi dhimmoota walqabatan ilaalchisee seera baasuu akka qabu hubachiisaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.