Fana: At a Speed of Life!

Magaaloota sababa waraanaan barbadaa’aan deebisanii dhaabuuf Sagantaan marii tumsa obbolummaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Misooma Bu’uuraa,Magaaloota weerara garee shororkeessaa ABUT’n Manca’an deebisanii ijaaruu fi hawaasa miidhaaf Saaxilame dandamachiisuuf Sagantaa tumsa obbolummaa Magaalotaa yeroo rakkoo jedhu qopheessuun Kantiiboota Magaaloota biyyatti waliin Adaamaatti mari’achaa jira.
Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, kayyoon Sagantaa kana Magaalonnii Biyyatti tumsa obbolummaa kanaan Magaalota miidhaaf saaxilaman tumsuun gara tajaajila fi sochii idileetti akka deebii’an gochuudha jedhan.
Magaalonni Naannolee Amaaraa fi Affaar weerara garee shororkeessaa ABUT’n miidhaaf saaxilamanii fi Magaalonni Naannolee Oromiyaa fi Beenshaangul Gumuuz gocha badii garee shororkeessaa Shanee fi humnoota Gumuziin miidhaaf saaxilaman tumsa Obbolummaa Magaalotaa kanaan, kanneen deeggaraman akka ta’e ibsameera.
Mootummaan miidhaa garee kanaan qaqqabe qorachuuf garee hundeessee hojjechaa jiraachuu Aadde Caaltuun Kaasaniiru.
Bu’aan qorannoos yeroo dhiyootti ummataaf ni ifooma jedhaniiru.
Waltajjii kanarratti hojiilee galmee ragaalee Pilaanii fi Lafaa irratti Magaalonni muuxxannoon waliif qoodu jedhan.
Goohi Nigusuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.