Fana: At a Speed of Life!

Magaalota 11’f bu’uuraalee misoomaa elektirikaa ammayyaa’aa diriirsuuf qophiin taasifama jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Magaalota 11’f bu’uuraalee misoomaa elektirika ammayyaa’aa diriirsuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Magaalaa Asoosaatti Proojektiin bu’uuraalee misoomaa tajaajila Elektirikaa diriirsuuf dandeessisu ifoomeera.
Tajaajila Humna Elektirikaa Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaan Deebisanii Ijaaruu Tajaajilaa Raabsaa Obbo Tafarraa Darriboo, kana dura magaalota garaagaraatti bu’uuraalee misoomaa elektirikaa ammayyaa’aa ijaaruun tajaajila elektirikaa saffisaa fi haqa qabeessa hawaasaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa turuu ibsaniiru.
Yeroo ammaas Doolaaraa miiliyoona dhibba 1 baankii addunyaarraa argameen magaalota biyyattii 11 keessatti bu’uuraalee misoomaa tajaajila elektirikaa diriirsuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Waggoota lama keessatti kan xumuramuu proojektiin bu’uuraalee misoomaa tajaajila humna elektirikaa ammayyaa’aa diriirsuuf dandeessisu Magaalaa Asoosaatti ifoomuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.