Fana: At a Speed of Life!

Magaalota mijatoo uumuuf hunduu gahee isaa akka bahatu Dooktar Abiy waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)-Magaalota mijatoo uumuuf hunduu gahee isaa akka bahatu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Daandii qulqulluu-Jireenya fayyaa” jedhuun hojii haaraa wayita jalqabnu Itiyoophiyaanonni hunduu tattaaffii magaalota mijatoo uumuuf taasifamuuf gahee gama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessa” jedhaniiru.

Aadaan qulqullina hawaasaa kabajamaa akka ta’uuf sosochiin eegalamee kun, manneen fincaanii ammayyaa’aa ijaaruuf ta’uun ibsameera.

Agarsiistuuf manni fincaanii ammayya’aan Magaalaa Finfinneettii ijaaramuun eerameera.

Sosochiin “Itiyoophiyaa qulqulluu” mata duree “Dandii qulqulluu-Jireenya fayyaa” jedhuu hawaasaarraa deeggarsa maallaqaa fi akaakuu kan gaafatuu ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Manneen fincaanii baay’inaan magaalattiitti ijaaruuf lammiilee deeggarsa maallaqaa taasisuu barbaadaniif lakkoofsa herrega Baanki Daldalaa Itiyoophiyaa 1000623230248 akkasumas Lakkoofsa herrega Doolaaraa Baankii Biyyaalessaa 0101211300016 “Itiyoophiyaa Qulquluu”jedhuun arjoomuu akka danda’an eerameera.

#Oromia #Ethiopia #ItoophiyaaQulqulluu #CleanEthiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.