Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa 90 keessatti qonni magaalaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa 90 keessatti Qonni magaalaa eegalamuu ibsame.
 
Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan hojii misooma qonna magaalaa manneen barnootaa keessatti hojjetaman daawwataniiru.
 
Hojiin qonna magaalaarraa gamtokkoon barattoonni ni baratu, gama biroon ammoo oomishni argamu nyaata barattootaf oola jedhan Injiinar Taakkalaan.
 
Magaalichatti qonni magaalaa naannoo adda addaatti hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.