Fana: At a Speed of Life!

Manneen hojii federaalaa gamaaggama  raawwii karoora baatiiwwan 9 taasisaa jiru

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Manneen hojii federaalaa dhimmoota filataman irratti gamaaggama raawwii karoora  baatiiwwan 9 taasisaa jiraachuu ibsame.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa dhimmoota oomishaalee biyyattii gabaa addunyaarratti beeksisuu,adeemsa waliigaltee miseensummaa dhaabbata Daldalaa Addunyaa fi dhiyeessii fi raabsa  meeshaalee bu’uuraarratti gabaasa dhiyeesseera.

Ministeerichatti damee geejjibaa fi loojistikii ammayyeessuu fi tajaajila si’ataa kennuun walqabatee gabaasa dhiyaateen ga’een geejjiba uummataa %34 irraa gara % 37tti guddachuu fi daldalli alaa damee loojistikii % 68 guddachuu raawwii gaarii ministeerichi galmeessise ta’uu eeramaniiru.

Hanqinni sharafa alaa fi rakkoon nageenyaa qormaata ministeericha mudatee darbe ta’uu kaafameera.

Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa gabaasa dhiyeesseen yaa’iinsa Invastimantii alaa bara 2013 Doolaara biiliyoona 3.97 irraa bara 2014tti Doolaara 5.13tti guddisuun %23 dabaluu ibsameera.

Eeyyama invastimantii haaraa kennuu fi carraa hojii uumuu ilaalchisee manneen hojii kanneenitti hanqinni mul’achuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.