Fana: At a Speed of Life!

Manni barnootaa deeggarsa Emmireetota Arabaa Gamtoomaniitin Roobeetti ijaarrame xumurame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Manni barnootaa oolmaa daa’immanii deeggarsa mootummaa Emmireetota Arabaa Gamtoomaniitin magaalaa Roobeetti ijaarrame xumurame.

Manni barnootaa kun deeggarsa maallaqaa, hariiroo obbolummaa fi michummaa mootummaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi mootummaa Ityoophiyaatin kan ijaarramedha.

Ijaarsi Oolmaa Daa’immanii Abdii Borii xumuramuun sirni walharkaa fuudhinsaas gaggeeffameera.

Deeggarsa mootummaa Emmireetota Arabaa Gamtoomaniin magaalaa Roobeetti proojaktoonni addaddaa Doolaara miiliyoona 1.5 ijaarramaa jiru.

Kan Birrii miliyoona 10 oliin ijaarame, manni barumsaa kunis xumuramee wal harkaa fuudhinsi taasifamuu waajjirri dhimmoota koominikeeshinii magaalaa Roobee beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.