Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 99ffaa gaggeesseen dhimmota lamarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 99ffaa gaggeesseen dhimmota lamarratti murtoo dabarseera.
Manni marichaa waliigaltee liqaa waldaalee misoomaa idila addunyaa waliin taasiifame 4, Chaartara nageenya daandii Afrikaa fi Wixinee labsii Konveeksinii Tiraafika daandii Dhaabbata mootummoota gamtoomanii ragga’uuf dhiyaateerratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Manni Maree Ministirootaa Waliigaltee Liqaa Proojektii dhiyeessii humna Elektirikii hawaasa baadiyyaa, dhaabbilee hawaasummaa fi Intarpiraayizootaa raawwachiisuuf kan oolu waldaalee misoomaa idil addunyaa waliin taasiifame Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.13 ol dhiyaaterratti murtoo dabarseera.
Manni marichaa liqichi Imaammata biyyattii waliin kan walsimuu fi dhiibbaa kan hin qabne ta’uu isaa erga mikaneessee wixinichi gama Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan akka ragga’u sagalee guutuun qajeelchera.
Akkasumas wixineen labsii Chaartara nageenya daandii Afrikaa fi Konveeksinii Tiraafika daandii Dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhiyaateerratti erga mari’atee gama Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan akka ragga’u sagalee guutuun qajeelchuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.