Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz yaa’ii idileesaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz yaa’ii idileesaa 10ffaa, bara hojii 5ffaa waggaa 5ffaa gaggeessaa jira.

Manni marichaa turtiisaa ganamaatin ajaandaa garagaraarratti mari’achuun murtii dabarseera.

Ummanni kanaan dura aanaan dabalataa akka ijaaramu gaafachaa tureera.

Kanumarraa ka’uun aanaan dabalataa tokko; aanaan Hunduluu akka ijaaramuuf murtee dabarseera.

Akkasumas gandoonni naannichaa 474 irraa gara 518 akka guddatu sagalee guutuun ragga’uu isaa ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Beenishaanguul Guumzirra arganne ni muldhisa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.