Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Oromiyaa baajata 2015’f Birrii biiliyoona 158 fi miiliyoona 629 ol akkaraggaa’uuf caffeef qajeelche

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa baajataa bara 2015’f Birrii biiliyoona 158 fi miiliyoona 629 fi kuma 503 fi 205 akka raggaa’uuf caffeef qajeelcheera.

Manni Marichaa walga’ii idilee 8ffaa gaggeesseen, wixinee labsii baajata dabalataa bara 2014 fi wixinee labsii baajata hojiiwwan mootummaa Naannoo Oromiyaa bara hojii 2015 murteessuun akka raggaa’uuf caffeef qajeelcheera.

Manni marichaa Adoolessa 1,bara 2014 irraa eegalee hanga Waxabajjii 30 bara 2015tti kan raawwatu bara baajataa tokko keessatti galiiwwan naannoo irraa argamu, deeggarsa baasii mootummaa federaalaarraa argamuu fi mallaaqa madda kanneen biroorraa argamu hojiilee fi tajaajilawwan mootummaa naannichaaf:-

-Baasii marmaartuu naannootiif Birrii biiliyoona 28fi miiliyoona 699fi kuma 593fi dhibba 489,

-Baasii kaappitaala Naannootiif Birrii biiliyoona 38fi miliyoona 140fi kuma 107fi dhibba 167,

-Deeggarsa Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaaf Birrii biliyoona 91fi miiliyoona 189 fi kuma 802 fi 549,

-Ittiin eeggannoo Naannootiif miiliyoona 600, Walumaagalatti, Birrii biiliyoona 158 fi miiliyoona 629 fi kuma 503 fi 205 akka raggaa’uuf caffeef qajeelchuu ragaan kominikeeshinii naanichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.