Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa hawaasni Muusliimaa mana isaaniitti akka sagadan murteesse

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa hawaasni Muusliimaa mana isaaniitti akka sagadan murteesse.

Manni marichaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ilaalchisuun murtii dabarseera.

Weerara vaayrasichaa dabalaa dhufe ittisuuf murteewwan amantaa(fatwaa) dabarseenis;

1. Vaayrasichaan kan qabamanii fi maanguddoota qofa osoo hin taane, hawaasni Muusliimaa marti mana mana isaaniitti akka sagadan murtaa’uu ibseera.

2. Dhaabbileen fayyaa fi qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu qajeelfamootaa fi ergaawwan of eeggannaa dabarsan fudhachuun hojiirra oolchun dirqama amantaati jedheera.

3. Weerarri vaayrasichaa miidhaan qaqqabsiisaa jiru solaata Jum’aa fi Jama’aa dhaabsisuuf sababii dirqisiisaa sheri’aa waan ta’eef, fatwaan guyyaa itti kenname har’a Bitootessa 22,2012 irraa eegalee amma weerarri vaayrasichaa dhaabbachuun ogeeyyii fayyaatin ibsamutti sirni Jum’aa fi Jama’aa mana manatti akka ta’u murtaa’era.

4. Yeroo shananuu mu’iizinoonni aazaana solaataa ni taasisu; kunis hawaasni Musliimaa gara masgiidaatti akka imaluuf osoo hin taane manatti akka sagadan ibsuudha.

5. Baadiyyaattis ta’e magaalaatti walgeettidhaan amantaa barsiisuun weerara vaayrasichaa waan heddummeessuf, dhibichi amma dhaabbatutti Manni Maree Ulamaa walgeettiin akka dhoorkamu murteessera.

6. Waltuttuqqaa fi harka walqabachuun dhibicha waan babal’isuu fi daddabarsuuf of eeggannoon akka taasifamu manni marichaa dhaamera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.