Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Manni Maree waloo Paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Manni marichaa barri haaraan 2016 uummata Itiyoophiyaa hundaaf, Hoggantoota, miseensootafi deeggartoo paartilee siyaasaaf kan nagaafi gammachuu akka ta’u hawwii qabu ibseera.

Bara haaraa kanatti manni marichaa mootummaa fi paartileen siyaasaa akka waliin hojjetaan aadaan siyaasaa akka gabbatufi sosochii paartilee siyaasaa gaariin akka jiraatu waan danda’amu hundaa kan taasiisu ta’uu beeksiseera.

Barri 2016 kutaalee biyyaattii hundaatti nageenyi waaraan akka bu’u, jaalallii fi gammachuun akka waaru hawwii isaa ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.