Fana: At a Speed of Life!

Manni maricha boru walga’ii idilee 7ffaa ni gaggeessa

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 7ffaa bara hojii  6ffaa mana maree 5ffaa boru ni gaggeessa jedhameera.

Ajandawwaan 5 irratti kan mari’atu ta’uu eerrameera.

Muudamaa fi miseensota Boordii Broodkaasting Ityoophiyaa irra deebiin gurmeessuuf dhiyaatu qorachuun ni mirkaneessa jedhamee eeggama.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa gaaffii miseensota mana marichaarraa dhiyaatuuf deebiin ni laatu jedhame.

Akkasumas wixinee labsii miidiyaalee, wixinee labsii komishinii namuusaa fi farra malaamaltummaa irra deebiin fooyyesuuf dhiyaate qoratee koree dhaabbiif kan  qajeelchu ta’uu himameera.

Dabalataan qaboo yaa’ii walga’ii idilee 6ffaa bara hojii 6ffaa qorachuun ni raggaasisa jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.