Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa labsii invastimantii fooyya’e raggaasise

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI labsii invastimantii fooyya’e raggaasise.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idileesa 12ffaa guyyaa kaleessaa gaggeessen labsii invastimantii fooyya’e raggaasiseera.

Labsichi hudhaan invastimantii damee dhuunfaarra ture akka hiikamuu fi abbootiin qabeenyaa alaa damicharratti baldhinaan akka bobba’an kan taasisudha jedhame.

Dargaggootaaf hojii uumuu, sharafa alaa guddisuu fi rakkinoota imaammata invastimantiiratti muldhatan akka hiikus himameera.

Miseensonni mana marichaa labsicharratti marii baldhaa erga taasisaniin booddee sagalee caalmaan raggasisaniiru.

Labsiin fooyya’e lakkoofsa 1180/2012 jechuun kan ragga’e yoo ta’u, labsii invastimantii duraanii lakkoofsa 769/2005 bakka bu’a.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.