Fana: At a Speed of Life!

Maqaa gaarii biyyaaf muuxannoo argame babal’isuun barbaachisa jedhame

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Baasii qusachuu fi maqaa gaarii biyyaa gama eegsisuutiin muuxannoowwan gaggaarrii argaman babal’isuun barbaachisaa ta’uun eerame.

Dhimma misiyoonota jijjiiramni gurmaa’iinsa taasifame irratti mariin gamaaggamaa gaggeffameera.

Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Embaasiiwwan hundatti, waajjiraalee qonsilaa fi misiyoonotaa, haala dippilomaasii yerootiin gurmaa’insa, bobbii humna namaa fi kenniinsa tajaajilaarratti fooyyessi taasifamuun hojiitti seenuu ibsaniiru.

Baasii qusachuu, bakka hojii tajaajilamtootaaf mijeesuu fi maqaa gaari biyyaa eegsisuurratti muuxxannoowwan argaman guddisuun barbachisaadha jedhameera.

Galmi ijoon jijjiiramichaa, ga’umsa raawwachiisummaa dhaabbilee waliin gahuu fi dhaabbilee baasii qusachuun faayidaa biyyaa eegsisan horachuuf ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaddarooni gama isaaniin, bara baajataa kanatti hanqinaalee jiran fooyyessuu fi rawwii gaarii jajjabeesuun, hojiilee jijjiiramaa eegalaman galmaan ni geenyaa jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Misiyoononni foyyessii gurmaa’inaa taasifame akka barbaachisumma isaaniitti bobbii humna namaa fi qooddii bajataa akka qabaatan ni taasifama jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.